10/12/2025
YAADANNOO IMALAA KABAJA AYYAANA TURIZIMII ADDUNYAA BARA 2018 (A. L. I) Kutaa 1ffaa:
Bakki kun, Pilaatoo sannateetti, haroo Gabra Gurraachaati. Haroon kun haroowwan baddaa paarkii biyyoolessaa Baalee keessa jiran keessaa isa tokkoo fi guddaa ta'edha. Haroowwan waggaa guutuu paarkicha keessa jiraatan baay'inaan 53 hanga 56 gahu. Isaan keessaas inni guddaan haroo Gabra Gurraachaati.
Bu'aaleen haroolee kanaa baal'ina isaanii waliin wal biratti yoo ilaalamu gar malee hedduudha. Keessattuu, shimbirroolee gosoota hedduu Ardiilee Awurooppaa fi Eeshiyaa irraa baqatanii kiloomeetiroota 8000 ol balali'anii dhufaniif madda caba dheebuu isaanii fi dawoo aara galfii isaanii ta'uu irra darbee, bakkee mijataa wal-hormaataa ta'ee tajaajilaaf.
Shimbirrooleen gosaan Dhibba Sadiif Kudhan (310) ta'an Paarkii biyyoolessaa Baalee kana dawoo fi mana taasifatanii akka jiraatan qorannoolee yeroo gara garaatti adeemsifamaniin adda bahaniiru. Akka argama qorannoolee kanaattis, shimbirrooleen gosaan Jaha (6) ta'an marartee (kanneen biyya keenya keessatti qofa argamanidha).
Haroon kun jiraachuu shimbirroolee baddaa kanaatiif murteessaa yemmuu ta'u, turiizimiin baddaa kanaas daran kan guddachaa jiru keessattuu, jiraachuu qaama bishaanii fi shimbirroolee kanaan wal-qabateetu.
Haroowwan diriiranii fi miidhaga uumamaa addaa gonfatanii argaman kunneen dabalataanis, burqaa lageen Afurtamaa (40) olii wabii jireenya jiraattota miiliyoona Soddomaa hanga Afurtamaa naannoo paarkichaatti argamaniif madda bishaanii fi wabii jireenyaati. Keessattuu, Lageen gurguddoo Shanan, Gannaalee, Walmeel, Dumaal, Waabee Shabalee, fi Wuweeb tajaajila madda humna elektiriikii fi jal'isii darbees, madda bishaan dhugaatii uummatichaa ta'anii kan tajaajilan haroowwan kanneen irraa maddaniitu.
Muummeen bishaanii baddaa Baalee kunneen, murteessitoota jireenya namoota miiliyoona hedduu fi shimbirroolee kumaatamaati.
Kan har'aa asumarratti goolabnee, waa'ee teessuma lafaa baddaa kanaa yeroo dhufuuf haa bulfannu.
Ammoo, nama borii nu ha taasisu.
Yaada keessan mee itti nuuf dabalaa.
HORAA BULAA; DEEBANAA‼
GADAAN QUUFAA GABBINA‼
Waldaa Daawwachiiftotaa fi Tuur Oppireetaroota Oromiyaa