15/04/2026
Jireenya mana hidhaa waggaa Shanii !!
Haaluma kana dura isiniif ibsuu yaaletti, anii fi jaallewwan kiyya walakkeessa bara 1971 keessa Shaabiyaatin booji'amne. Turtin mana hidhaa waggoota lamaan jalqabaa keessatti jireenyi mana hidhaa maal akka fakkaatuu fi mirgi namoomaa ilma namaa hagam akka dhiibamu yeroon itti sirriitti hubadhe ture. Keessaa iyyuu manni hidhaa bakka gara-jabeenyi ilma namaa keessatti muľatu yoon jedhe waantan dogongore natti hin fakkaatu. Waanti nama ajaayibsiisu garuu, namoota
gara jabeeyyii akka sana keessa, namootni gaarii fi gara laaftoo tahanis ni jiru. Leenjistootni keenya gaarummaa yoo qabaatan illee homaa nuuf gochuu hin danda'an turan. Turtii mana hidhaa sana keessatti, barnootni gara garaa nuuf laatamaa tureera. Fakkeenyaaf, garaa garummaa sagantaa siyaasaa Shaabiyaa
fi Dargii jidduu jiru ilaalchisee nu barsiisaa turan. Barsiisaan yoomuu jaalala namaaf kennuu irra darbee mal namaaf gochuu danda'a?
Turtii keenya waggaa lamaan jalqabaa sana keessa hiriyyoota hedduu ofi-biraa dhabne jechuu nan danda'a. Kaan isaanii dhukkubaan kaan ammoo hojii humnaa hojjechuu dadhabuun lubbuun isaanii nu jalaa darbaa ture. Har'a yeroon yaadadhu, hojiin humnaa nuti hojjechaa turre tasuma waan dhala namaaf ni danda'ama jedhamanii yaadaman hin turre. Dhugaa dubbachuuf, bakki sun bakka gara jabeenyi ilma namaa itti dagaagee mul'achaa ture yoon jedhe gaaffi hin qabu. Anis hiriyyoota kiyya muraasaan wal-ta'uun namoota dirqama itti laatame ba'uu dhadhaban gargaaruun jalqabe.
Achumaan hojii tola ooltummaa raawwachuun sammuu kiyya boqochiisaa ture. Ani ogeessa fayyaa yoon ta'uu baadhe illee muuxannooman waggaa lamaan mana hidhaa sana keessatti argadheen tajaajila gargaarsa fayyaa jalqabaa hiriyyoota kiyyaaf laachaan ture.
Jireenya mana hidhaa ijibbaachisaa waggaa lamaan booda kan du'e du'ee warreen irraa hafne bakka xiqqoo fooyya'aa ta'e keessa eegumsaan marfamnee jiraachuu eegalle. Isaan booda suuta suutaan filannoon nuuf dhihaachuu eegale Filannoon yeroo sana nuuf dhihaatan ammoo: inni jalqabaa, warreen gara Sudaanitti adeemuu barbaadantu addaan ba'e Itti aansuudhaan warreen gara Dargiitti deebi'uu barbaadantu calalame. Inni sadaffaan warren dirree qabsootti seenuu barbaadaniif ture. Warreen madoof qaama hirrina qaban immoo gara Dargiitti akka deebi'an yeroo taasifaman, anii fi hirriyyootni kiyya muraasni garuu gara dirree qabsootti deebi'uu filanne. Yeroo sana qaamota qabsoo hidhannoo geggeessan keessaa filachuun mirga waan tureef, ani Sochi Dimokiraatawaa Ummattoota Itiyoophiyaatti(SDUI) dabalamuun filadhe
Hidhaa jabaa waggaa lamaan booda, carraan sochii qabsoo hidhannoo Iltiyoophiyaa keessa turan maal akka fakkaatan hubachuuf yaaliin taasifamaa ture Keessaa iyyuu bakka buutonni dhaabbolii gara Saahil dhufuun ibsa nuuf laachaa turan. Anii fi hiriyyoonni kiyyas warreen jiran keessaa, Sochii Dimokiraatawaa Ummattoota |tiyoophiyaa (SDUI)tu nu hawwate. Hiriyyoonni kiyya biroo gara dhaabolee biroo deemanis turaniiru,
Filannoon sun salphaa hin turre. Warreen filannoo isaanii isa jalqabaa taasisan gara biyya ambaa adeemuuf jecha kooluu galan. Filannoon lammataa gara Dargitti deebi'uun maatii ofiitti makamuu ture. Filannoon inni sadaffaa garuu yoo duraanuu miirri hidhatanii qabsaa'uu nama keessa hin jiraanne hedduu
cimaa ture.