Nyala TOUR

Nyala TOUR Nyala tour was found in Ethiopia Addis Abeba this company was depending on natural, historical, & cu

07/01/2026
Caalaa Bultumee Weellisaa Caalaa Bultumee/ Qeerransoon Finfinnee Sirnaan yoo ibsu!Qeerransoon: Yoom, maaliif, akkamitti,...
09/07/2025

Caalaa Bultumee

Weellisaa Caalaa Bultumee/ Qeerransoon Finfinnee Sirnaan yoo ibsu!

Qeerransoon: Yoom, maaliif, akkamitti, eenyuuf, hanga yoomii, eessatti..akka qabsaayu Artistii beeku!

Walga'a Oromootaa wiirtuu Maccaaf Tuulamaa
Finfinnee lafti Tufaa akkamiin gurguramaa
Finfinnee haadha seenaa ati nuuf qaroo keenyaa
Lafa aadaa fi seenaa galma keenya ganamaa
Gaaddisa tumaa seeraa heera caffee Tuulamaa
Dhiigumaan si tiksinaa nuti kaane tokkummaan

Seenaa guddaa dagannee sirraa qabna Finfinnee
Kanaafi garaan keenyaa yoomuu kan sin dagannee

Dachee seena qabeettii haadha gootota kumaa
Qe'een Abeebee Tufaa kan Guddataa Araddoo maaf diinaan dhuunfatamaa

Qe'ee Guutoo Wasarbiif qe'ee Qajeelaa Dooyyoo
Badhoo Dachaasaa faat turee kan gadi hin jenne roorroof

Finfinnee dubbadhumee kan nyaatte Soraa Lummee
Goonni Guraaraa Lataa sirratti fannifamee
Bara Waaree Gololee teenya turte Gullalleen
Baru Daalacha Waamii biyyi yoom gurgurame

Seenaa Isaa guutuun walitti deebina!

BAALEE BAHAA AANAA GOLOLCHAA
21/10/2022

BAALEE BAHAA AANAA GOLOLCHAA

16/07/2022
10/07/2022
28/04/2022


Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaafi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture.
Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni, animmoo gorsan si gorsa. Gorsi ani si gorsu kun, furtuu jireenyakee ta'a" jedheen. Akka godhu dhabe. Kan qabuu kanuma, kanuma kennuuf jira. Kennes! Jaarsis, qarshii 3000 kanaan gorsa sadii kenneef. "1. Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hindeemiin. 2. Waan si hin ilaallanne keessa hinseeniin. 3. Ariifattee murtoo hinkenniin" kan jedhu ture.
Dargageessichi gorsa isaa fudhatee harka duwwaa isaa yommuu qajeelu, warreen kaan gorsicha tuffachuun itti qoosaa turani. Akkanumaan osoo deemanii, bakka wayii gahani. Karaa bosona tokko keessa nama baasu deemuuf yeroo qajeelan, dargageessichi gorsa jaarsaa yaadatee deebi'e. "Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hindeemiin!" jedheera jaarsi. Kanaaf warreen kaan dhiisee karaa biraa qabate. Osooma deemuu, karaatti itti dhiyee mana namaatti gore, buluuf. Osoon turiin oduu tokkootu gurra isa bu'e. Saamtonni jarreen bosona keessa bahuuf deeman sana saamanii boodarra akka isaanuu ajeessan, oduu gaddaa dhagahe. Gorsa jaarsaattis baay'ee gammade.
Mooraa mana bulee sana keessatti awwala arge, dargaggeessichi. Maal akka ta'e gaafata. Abbaan manaa akkana jedha; "Mannikoo karaarra waan ta'eef, namoonni goranii bulu. Yeroo kana haati manaakoo maaliif akka akkas fokkiftu na gaafatu. Yeroo kana, ani aareen isaan ajjeessa. Ajjeeseen isaan awwaala. Kun awwaala isaaniiti. Ati akkana naan jechuu dhabuukeetiin badhaasa qabda" jedheenii qarshii 10,000 badhaase. Yeroo kana dargageessichi naasuu guddaa keessa taa'ee waa tokko yaadate. "Waan sin galchine keessa hingaliin" jedhee ture jaarsi...Itti fufa........
& kutaa 2ffaa...

Address

Bole Road
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nyala TOUR posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Nyala TOUR:

Share

Category