04/02/2026
"
MBNA Bulchiinsa Saba Oromoo Aanan Baatee Iddoowwan seena qabeessaa fi hawwata turizimii baay'ee qabdu keessaa inni guddichi fi kan baay'ee hin dubbatamneef Bosona_Garfaati.
Bosonni garfaa magaalaa Baatee irraa km 23 fagaatee Ganda garfa uraneetti kana argamu yeroo ta'u gosa biqilootaa hedduufii bineensoota bosonaa gosa 13 ol of keessaa qaba.
Bosonni garfaa yoo deemanii ilaalan fi naannoo isaatti bashannana adda addaa barbaaddan kan baay'ee namatti toluu fii hawwatuudha.
Bosona Garfaa haa dawwannu, qabeenya Uumamaa qabnu waliin taanee kunuunsinee dhaloota egereef haa dabarsinuu!"