01/05/2025
Dargaggeessa Jabaa Baalee Biqilchite — Dr. Ibsa Kedir
Dr. Ibsa Kedir dargaggeessa dhugaan namumma qabu, qalbii qulqulluu qabuudha.
Gaafa Hacaaluu Hundeesaa du’aan addunyaa kana irraa boqote, Dr. Ibsan guyyaa lama guutuu saba isaaf jecha hirriba dhabee, ummata isaa kan miidhame gargaaruuf tattaaffachaa ture. Nama saba isaa jaalatu, gadda fi rakkina ummata isaatiin rakkatu; nama garaa laafaa fi gorsa gaarii kennuudhaan kan beekkamu. Dhugaa fi haqa falmuun, saba isaaf of kenne.
Dr. Ibsan, nama hawaasa isaa tajaajila jedhee scholarship dhiisee, nama akkanaa jabeessuun barbaachisaa dha.
Miira keessa galee waan san godhe taha garuu namoonni jireenya isaanii maqaa nama balleessuu jiraatanif gurra kennu hin qabu. Dr. Ibsa namoota akkasii fi kanneen jireenya isaa ajandaafi faayidaa dhuunfaatti fayyadamuu barbaadanitti yeroo hin qabu. Wanti inni hojjete yoo ballessa tahu danda'a nama ala ta'ee arguuf garuu nama hojii kana qofa keessa jiruttu hubaata waan taheef waan ballessa hundaafu dhifama jedha.